Boordichi filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti leenjiftoota olaanoof leenjii kennuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti leenjiftoota olaanoof leenjii kennuu eegaleera.

Filannoo bilisaa, haqa qabeessaa fi walabaa akka ta’uuf gaheen raawwachiiftootaa olaanaa ta’uu Walitti qabduun boordichaa Meelaatawarqi Hayiluun waltajjicharratti ibsaniiru.

Raawwachiiftoota ga’umsa qabanii fi bu’uura seeraan hojjetan horachuuf leenjichi qooda olaanaa qabaachuu yaadachiisan.

Leenjiftoonni olaanoon 300 ol ta’an leenjicharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, galmee filattootaa maanuwaalii fi teeknooloojiin deeggarame akkamitti akka gaggeessan irratti leenjii ogummaa fudhachaa jiru.

Leenjiftoonni olaanoon kunneen leenjichaan booda leenjitoota kuma 5 caalaniif leenjii kan kennan yoo ta’u, isaan ammoo raawwachiiftoota buufataalee filannoo kuma 200 fi kuma 14 caalaan ni leenjisuun eegama.

Alamsaggid Asaayyeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment