Boqonnaan harka namaa ilaaluufi biyya biraa irraa qamadii kadhatanii jiraachuu cufamaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Boqonnaan harka namaa ilaaluufi biyya biraa irraa qamadii kadhatanii jiraachuu cufamaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan sagantaa eegalchiisa ijaarsa Indaastirii Qindaa’aa Nyaataa Buusaa Gonofaa Oromiyaa irratti haasawa taasisaniin, Oromiyaatti yaadama ida’amuu bu’uura godhachuun, humna waloo duudhaa uummataatti fayyadamuun fi falaasama sirna Gadaa giddugaleessa godhachuun hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu eeran.

Sirni Gadaa kan ittiin dhaadannu qofa osoo hin taane kan ittiin jiraannu akka ta’uuf baroottan darban sirna barnootaa keenya keessa galchuun akka barnootaatti akka kennamu akkasumas daa’imman daa’imummaa irraa eegalanii safuu akka barataniifi akka qabaataniif hojjetameera jedhan.

Naannichatti waggoottan darban tajaajila lammummaan manneen barnootaa bu’uura boruu kumni 20 ol, manneen qorichaa hawaasaa 660 ol, manneen bulchiinsa gandaa kuma 7 fi 300 ol ijaaramuu eeraniiru.

Kana malees naannichatti hojii Ashaaraa magariisaafi misooma sululaa dabalatee hojiileen misoomaa garaagaraa tajaajila lammummaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Mana Murtii Aadaatiin humna walootti fayyadamuufi haqa waloo mirkaneessuuf manneen murtii aadaa aanaaleefi gandootatti hundeessuun hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Nageenya waloo keenyaa eeggachuudhaafis Gaachana Sirnaan hojjetamaa jira jedhan obbo Shimallis Abdiisaan.

Buusaa Gonofaanis hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasanii, Buusaa Gonofaan dhaabbata miseensa miiliyoona 28 ol qabuufi qabeenya guddaa horachaa jiru ta’uu dubbatan.

Ijaarsi warshaa kanaas waggaa gabaabaa keessatti xumuramee hojiitti kan galu ta’uu mirkaneessaniiru.

Warshichi boqolloo Kanaan dura naannawichaa fe’amee biyyoota ollaatti qindaa’ee deeb’u kan hambisuufi gabaa biyya keessaafi alaaf hojii hiikkaa qabu kan hojjetu ta’a jedhan.

Kana malees warshichi qonnaan bultootaafi diinagdee biyyattii kan gargaaru ta’uu eeran.

Boqonnaan harka namaa ilaaluufi biyya biraa irraa qamadii kadhatanii jiraachuun cufamaa jira jedhanii, kana keessatti qonnaan bultoonniifi Buusaa Gonofaan gaheesaanii bahachaa jiraachuu dubbatan.

Uummata seeftiineetiin osoo hin taane dafqa isaan jiraatu uumaa jirras jedhaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment