Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) –Biqiltuuwwan Kuduraafi muduraa kilaasteraan misoomaan jiruu fi jireenya qonnaan bultoonni jijjiiraa jiru jedhe Waajjirri Qonnaa Godina Arsii.
Godina Arsii aanaalee heddu keessatti qonnaan bultoonni Biqiltuuwwan nyaataaf oolan manduubeetti qofa oomishaa turan waggoota saddeettan darban sababa Ashaaraa magariisaan gara kilaasteraatti ce’uu hime waajjirichi.
Qonnaan bultoonni Godina Arsii Aanaa Heexosaa gama isaaniitiin ooyruu isaanii waggaatti gosoota Kuduraafi muduraa jahaa ol irratti oomishuun faayidaa guddaa irraa argachaa jirra, caalatti babal’isuuf deeggarsi mootummaa nu barbaachisaa jedhan.
Tumsa ogeeyyii qonnaa irraa argatan hojiitti hiikuun bu’aa gaarii argachaa jiraachuu dubbatan.
Itti gaafatamaan Waajjira qonnaa godinichaa obbo Ibraahim Qaasoo Faanaa Miidiyaa koorporeeshiniif akka himanitti, Inisheetiivii Ashaaraa magariisaan lafa asiin dura miidhame dandanachiisanii tajaajilaaf oolchuuf biqiltuuwwan akaakuu garaa garaafi xaa’oo qopheessuun omishaafi Omishtummaa dabaluu eeran.
Wabii nyaataa milkeessuun akkuma Qamadiifi Buna el-ergiin qonnaan bultoonni fayyadamaa jiran Kuduraafi Muduraas oomisha gahaa argataa jiru jedhan.
Inisheetiivii Ashaaraa magariisaan qonnaan bultoonni milkaa’ina galmeessan omisha isaanii babal’isuun caalmatti akka hojjetaniif deeggarsa barbaachisu ni taasifna jedhan.
Olyaad Ahmad