Finfinnee Caamsaa 10, 2017 (FMC)_ Bulchiinsa Magaalaa Ambootti bu’uraalee misoomaa babal’isuun rakkoolee hawaasaa furuuf hojjetamaa jiraachuu Kantibaan Magaalichaa Obbo Hacaaluu Gammachuu ibsan.
Bakkeewwan kaafamtoonni misoomaa qubatanitti hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu sosochii olaanaan eegalamuus Obbo Hacaaluun Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa magaalichaa babal’isuun sochii dinaagdeefi hawaasummaa cimsuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.
Hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii cirrachaa magaalaa keessaa suphuu fi iddoowwan walii gahiinsi daandii hin jirreetti daandii haaraa baasuun itti fufiinsaan hojjatamaa jira jedhan.
Guyyaa har’aa uwwisni daandii cirrachaa keessa keessaa Kiloomeetirri 8.5 hirmaanna ummataa fi abbootii qabeenyaan hojjetamuu eegaluus eeraniiru.
Hojii Misoomaa kana irraa jiraattonni kuma 40 caalan fayyadamoo ta’us jedhameera.
Magaalichi jiraattootaaf mijataa fi hawwataa akka ta’uu balinaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Hacaaluun dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin