Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) – Oomishni bunaa Itiyoophiyaa waggoota shanan darban dachaa sadiin guddina agarsiiseera jedhe Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa.
Daayirektarri Olaanaan Abbaa Taayitaichaa Dooktar Adunnyaa Dabalaa akka ibsanitti, guddina oomisha fi oomishtummaa bunaa irratti galmeeffameef sagantaan Ashaaraa Magariisaa shoora olaanaa taphateera.
Waggoota shaniin dura oomishni bunaa waggaatti meetriik toonii kuma 550 kan ture, barana dacha sadiin guddachuun oomishni meetriik toonii miiliyoonni 1.5 argamuu eeraniiru.
Bunni Itiyoophiyaa amala isaatiin jijjiirama qilleensaaf kan saaxilamu ta’uu kan ibsan Dooktar Addunyaan, biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaatiin dhaabaman haala qilleensaa bunaaf mijaataa ta’e uumuu isaanii ibsaniiru.
Biqiltuuwwan bunaa waggoota sadii fi afur dura dhaabaman har’a oomisha kennuu jalqabuus eeranii, bunni haaraa kun sadarkaa qulqullina fooyya’aa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Waggoota dhufan keessa haalli qilleensaa jiru bunaaf mijaataa akka hin taane qorannoodhaan kan agarsiifame ta’us, Itiyoophiyaan garuu sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin naannoo bunaaf mijaataa ta’e uumaa jirti jedhaniiru.
Gama biraatiin, bara kana qofa gurgurtaa bunaa alatti ergamerraa galiin sharafa alaa doolaarri biiliyoona 3 ol akka argamuu danda’uuf sagantaan Ashaaraa Magariisaa gumaacha olaanaa gumachuu Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaichaa obbo Shaafii Umar eeraniiru.
Biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaa’aman Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin waggaa waggaan dhaabaman qabeenya uumamaa eeguudhaan uwwisa bosonaa akka dabalu gargaareera.
#Oromia #Ethiopia