Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Buufanni Madda Anniisaa Balfa Gogaa Raphii kurmaana jalqabaa darbe Bulchiinsa Balfa Gogaa Magaalaa Finfinneerraa balfa fudhachuun gubee galii Birrii miiliyoona 29 argate jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.
Buufatichi yeroo ammaa Tarbaayinoota 2 fi buufata gubaa Booyilara 1 haaromsaa kan jiru yoo ta’uu, hojii haaromsaa cinaatti Bulchiinsa Balfa Gogaa Magaalaa Finfinnee waliin tumsaan hojjetaa jira.
Hojiin haaromsaa kunis hanga Bitootessaa, 2019 guutummaatti ni xumurame jedhe dhaabbatichi.
Buufatni Madda Anniisaa Balfa Gogaa Raphii Hagayya, 2010 ifatti eebbifamee hojii jalqabe.
Afrika keessatti isa jalqabaa kan ta’e, Maddi Anniisaa Gogaa kun Anniisaa Meegaa Waattii 25 maddisiisuu danda’a.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa