Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa magaalota 6 keessatti buufataalee chaarjessa konkolaattotaa 11 hojii eegalchiise

Finfinnee, Onkoloolessa 21,2019(FMC)- Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa magaalota 6 keessatti buufataalee chaarjessa konkolaattota elektirikaa 11 guyyaa har’aa hojii eegalchiiseera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajilichaa Injinar Geetuu Garramoo wayita kana, tokkoon tokkoo buufataalee kunneen si’a tokkotti konkolaattota elektirikaan socho’an jaha keessummeessuu akka danda’an ibsaniiru.

Dandeettii haaraan kun buufataalee chaarjessa konkolaattotaa Kanaan dura 3 turan gara 14’tti akka guddisu kaasanii, dandeettii si’a tokkotti chaarjii guuchisuu biyyaalessaas  54 irraa gara 96’tti guddisa jedhaniiru.

Bu’uura karoora konkolaattota elektirikaa babal’isuuf qabameen bu’uuraalee misoomaa chaarjessa konkolaattotaa ijaaruufi humna elektirikaa walitti fufiinsa qabu dhiyeessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa gamasaaniin, bu’uurri misoomaa kun magaalaa giddugala tuurizimii taate Bishooftuutti ijaaramuun isaa tuuristoota biyya keessaafi alaaf haala mijataa akka uumu eeraniiru.

Takkaalliny Hayiluutu gabaase.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment