Finfinnee, Adoolessa 13, 2018 (FMC) – Caffee cimaan bu’uura ijaarsa cimaa ta’ee tajaajila jedhen Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan.
Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan yaadaafi gaaffii Miseensota Caffee irraa ka’aniif ibsa kennaniiru.
Caffeen hariiroon mootummaafi ummata gidduu jiru cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa turuu kaasan.
Hordoffiifi To’annoo Karaa Koreewwan Dhaabbii Caffee taasifaman teeknoloojiin deeggaruun bu’a qabeessummaa hojii kanaa dabaluuf xiyyeeffannoon kennamee Caffee bara Hojii 7ffaa keessatti hojjetamuu kan qabu ta’uu akeekan.
Kana malees, Caffeen dhufu Baajataafi Loojistikin cimee itti gaafatamumma isaa akka bahatuuf, keessaahuu, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran loojistikiin utubuun barbaachisaafi murteessaa ta’uu ibsan.
Milkaa’ina Caffee bara Hojii 6ffaa kanaaf qaamolee tumsa taasisaa turtan hundaaf kabajaafi galata guddaan isiniif mala qaba jedhan.
Caffeen gabaasa dhiyaate raggaasee jira.
#Oromia #Ethiopia