Carraa argametti fayyadamuun tumsaan yoo hojjenne egeree ijoollee keenyaa miidhagsina- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC)- Carraa argametti fayyadamuun tumsaan yoo hojjenne egeree ijoollee keenyaa miidhagsina jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon masaraa Mootummaa Faasil haaromfamaa ture eebbisiisaniiru.

Ministirri Muummee wayita kana akka jedhanitti, lammiileen bakka tokko gara bakka biraatti socho’uun misooma biyya isaanii ilaaluufi deeggaruu akka danda’aniif nageenyi barbaachiisaadha.

Fakkenyaaf Goondar irra Gorgoraa deemuuf waraanaan eegamanii akkamiin misoomni hojjetamuu danda’a jechuun kaasaniiru.

Naannawaa kanatti “obboloonni bosonaa dhufan osoo yeroo hin qisaasessiin deebi’anii tumsaa fi tokkummaan biyya misoomsuu fi hojjechurratti osoo xiyyeeffatanii” jechuun dhaamaniiru.

Har’a Goondar, Baahir Daar yookiin Naannoo Amaaraa irratti Amaaraan ala eenyuu iyyuu hin ajaju kan jedhan Dooktar Abiy, nuti yeroo nuuf eeyyamamu carraa tokko fudhannee yoo deeggarreen ala dhimmoota idiilee fi hojiilee garaagaraa keessa harka hin galchinu jedhan.

Carraan kun Itiyoophiyaa keessa hin turre jechuun, ammas carraa argametti fayyadamnee tumsaan yoo hojjenne egereen keenyaa fi ijoollee keenyaa miidhagaa ta’a jedhan.

Dooktar Abiy ergaa isaaniin, humni ni dhuma, yeroofi aangoon ni dabu; wanti hundi ni darba, kan hin darbine hojiilee guguddoo akkanaatti jechuun ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment