Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Carraaleen invastimantii Itiyoophiyaa keessa jiran abbootii qabeenyaa biyya keenyaaf beeksisuuf nu gargaaru jedhan ambaasaaddaroonniifi dippiloomaatonni biyyoota garaagaraa.
Ambaasaaddaroonniifi hawaasni dippiloomaasii biyyoota garaagaraa sosochiiwwan misoomaa zooniiwwan diinagdee addaa Itiyoophiyaa keessatti argaman daawwachaa jiru.
Daawwannaa Kanaan misooma indaastirii, sosochii hojii warshaalee fi milkaa’inoota damichaan galmaa’an daawwachaa akka jiran eerameera.
Zooniiwwan diinagdee addaa kunneen guddina indaastirii, carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuun ibsameera.
Ambaasaaddaroonniifi hawaasni dippiloomaasii kunneen Zoonii diinagdee addaa Boolee Lammii, Zoonii Indaastirii Qilinxoo, Zoonii Indaastirii Addaa Iistarn, Jooy Teek fi Paarkii ICT daawwachuun eerameera.
Daawwannichi walta’iinsa Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaafi Ministeera Dhimma Alaan qophaa’e.
Kibrawasan Nuuruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia