Oomishni avokaadoo waggaa lama dura eegale bu’aa qabeessa ta’uusaa agarsiise – MM Abiy Ahimad Read more
Deeggarsi namoomaa lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa barbaadaniif taasifamu cimee itti fufa-DhMG Read more
Michoomni gaariin waaraa kan ta’u walqixxummaan walkabajarratti hundaa’e yoo jiraatedha- Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa Read more
Magaalaa Finfinneetti Zayitiin nyaataa liitirri kumni 750 karaa seeraan ala to’atame hawaasaaf raabsame Finfinnee, Eebila 2, 2014 (FBC) – Zayitiin nyaataa liitirri kumni dhibbi 7 fi kumni 50 karaa seeraan ala to’atame hawaasaaf raabsamuu Biiroon Daldala magaalaa Finfinnee beeksiise. Magaalaa Finfinneetti hojii to’annoo taasiseen zayitii nyaataa liitira kumni dhibbi 7 fi kumni 50 karaa seeraan alaa kuufame ture to’achuun hawaasaaf raabsamuusaa Biirichi ibseera. Biirichi rakkoo dhiyeessii fi daballii gatii zayitii nyaataa ilaalchisee jiru furuuf qaamolee dhimmi isaan ilaaltu waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu Hogganaan biirichaa obbo Adam Nuur. Biirichis zayiticha daldaltootarraa fuudhuun waldaalee hojii gamtaa shammattootaaf raabsuu eeraniiru. Waldaaleen kunneenis zayiticha hawaasaaf gatii madaalawaan raabsaa akka jiran obbo Adam himaniiru. Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!! Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf; Teelegraama https://t.me/afanoromofana Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna. Read more