Finfinnee, Hagayya 4, 2018 (FMC)- Ce’umsa diijitaalaa milkeessuuf humnni nama Leenji’e barbaachisaadha jedhan Gorsaa olaanaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abiyoot Baayuu.
Dooktar Abiyoot marii paanaalii leenjii koodarotarratti xiyyeeffate waajjira Ministira Muummeetti gaggeeffamaa jiruurratti haasawaa taasisaniin, waltajjiiwwan dijitaalaa sadarkaa olaanaatti guddisuu fi guutummatti hojiirra oolchuun dirqama ta’uu kaasan.
Hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa fi raawwii ammayyaa ta’e mirkaneessuuf humni namaa gahumsaa fi leenjii barbaachisaa qabu murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Galmi Dijitaal Itiyoophiyaa 2030 jalatti, dandeettii namootaa guddisuu, dhaqqabamummaa tajaajiloota dijitaalaa babal’isuu fi Itiyoophiyaa giddugala dijitaalaa taasisuu irratti xiyyeeffatama jedhan.
Milkaa’inni damee teeknooloojii keessatti galmaa’u kamiyyuu guutummaatti dandeettii humna namaa irratti kan hundaa’e ta’uu Dooktar Abiyoot eeraniiru.
.
Dandeettii jiru gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf ammoo, dargaggoonni damee bobba’an irratti beekumsaa fi ogummaa isaanii cimsanii guddisuu, akkasumas bu’aa olaanaa galmeessuuf ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Keessumaa, ce’umsa dijitaalaa milkeessuuf teeknooloojii qofa qabaachuun gahaa osoo hin taane, humna namaa gahumsa, ogummaa fi dandeettii ammayyaa qabu horachuun murteessaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.