Finfinnee, Adoolessa 29, 2017 (FMC ) – Chaayinaa keessatti vaayirasiin busaan walqabatee dhufu namoota kuma 7 irratti argame jedhan aangawoonni biyyattii.
Bookeen busaa yeroo nama hidditu kan babal’atu dhibeen ‘chikungunya’ jedhamu kun akka qufaa nama dhukkubsa jedhame.
Dhibeen kun Chaayinaa keessatti baay’ee baramuu baatus biyyoota Afrikaa muraasa, akkasumas biyyoota Kibbaafi Kibba Bahaa Eeshiyaa keessatti bal’inaan kan beekamu ta’uu BBC fi Global Times gabaasaniiru.
Dhibee Kutaa bulchiinsa Kibba Chaayinaa Magaalaa Foshan ‘Guangdong’ keessatti babal’achaa jiru kana to’achuuf hojjetamaa jira jedhan Daayrekterri Itti Aanaan Komishinii Fayyaa Biyyaalessa Chaayinaa Sheen Hongbiingi.
Dhibichi Garba Hindirraa ka’uun Awurooppaa, Chaayinaa fi Hinditti babal’aa dhufuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa himeera.
Biyyoota 119 keessatti namoota biiliyoona 5.6’f sodaa ta’uu akeekkachiisera.
Hanga ammaatti dhibichi biyyoota 110 argamuu gabaafame.
Hanguma hoo’inni Addunyaa dabalaa dhufe dhibichi babal’achuun rakkoo fayyaa addunyaa ta’uu akka danda’u hubachiiseera.
Biyyoonni of eeggannoo olaanaa fi to’annoo isaaf xiyyeeffannoo akka kennan gaafate.
Dhibicha Ittisuufi to’achuuf Bookee Busaa balleessuun dirqama ta’uu ibse.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.