Finfinnee, Ebla 10, 2018 (FMC) – Sagantaa Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 33ffaan, taphni har’a Cheelsiin Maanchisteer Yuunaayitiid waliin taphatu akkaan eegama.
Gareen lameen hirmaannaa Shaampiyoonsii Liigii argachuuf imala taasisan cimsachuuf morkiin geggeessan xiyyeeffannoo argateera.
Cheelsiin liigichaan taphoota sadii walitti aansuun mo’amuun har’a gara injifannootti deebi’uuf dirree seena
Leenjisaan Cheelsii Liiyaam Rosiiniyeer akka ibsanitti, taphataan gidduu Enzoo Fernaandeez sababa adabbiin taphoota lamaan darban irraa fagaatee ture har’aa gara dirreetti ni deebi’a.
Maanchisteer Yuunaayitid gama isaan taphoota liigichaa darban lamaaniin injifannoo kan hin arganne yoo ta’u, gara mo’ichaatti deebi’uuf har’a ni taphata.
Taphataan ittisaa Yuunaayitid Lisaandiroo Maartiineez tapha Liidsi Yuunaayitid waliin taphatan irratti kaardii diimaan waan baheef, tapha galgala har’aa irratti hin hirmaatu.
Taphoota shanan darban gareewwan lamanuu yeroo lama lama kan wal injifatan yoo ta’u, tapha tokkoon garuu qixa bahaniiru.
Bara dorgommii kana keessa tapha marsaa jalqabaa Oold Tiraafoorditti taphataniin Maanchisteer Yuunaayitid injifachuun isaa ni yaadatama.
Taphni har’aa galgala sa’aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Sitaamfoord Biriijitti gaggeeffama.
Taphawwan Biroo Liigichan galgala sa’aatii 1:30 irratti Tootenhaam Hootsipar dirree isaatti Birayitaniin ni keessummeessa.
Tootenhaam qabxii 30’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta’u, sadarkaa kana keessaa ba’uuf ni falmata.
Tootenhaam torban 19ffaa irraa eegalee injifannoo kan hin arganne yoo ta’u, Birayitan garuu taphoota sadan walitti fufanii darban injifachuun haala gaariirra jira.
Taphoota biroon Liidsi Yunaayitid Wolvis waliin, Niwukaastiil Yunaayitid Boornimaawuz waliin kan taphatan ta’a.
#Oromia #Ethiopia