Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingiliiz bara dorgommii 2026/27 torbee jalqabaan cheelsiin dirree isaan ala imaluun Fuulhaam waliin eegala.
Kilaboonni lamaan yeroo gannaa leenjistoota haaraa muuduun, bara dorgommii haaraa injifannoon jalqabuuf kan falman ta’uun ni eegama.
Cheelsiin leenjisaa Riyaal Maadriid irraa adda ba’e Zhaabii Aloonsoo akkasumas Fuulham immoo leenjisaa yeroo murtaa’eef Riyaal Maadriid leenjisaa ture Alvaaroo Arbeeloowaan ganna kana mallatteessisuun ni yaadatama.
Taphichi Halkan Sa’aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Kooteejitti taphatama.