Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC) –Atleetiksiin Addunyaa tarree kaadhimamtoota badhaasa Atleetota Ciccimoo Addunyaa kan bara 2026 ifoomseera.
Kanaanis, atleet Tigist Asaffaa gama dubartootaan tarree atleetota 10 kaadhimaman keessatti hammatamteetti.
Atleet Tigist Maraatoonii Barliin sa’aatii 2:11:04n injifachuun injifannoo ishee Barliin kan 3ffaa kan galmeessite yoo ta’u, kunis seenaa maraatoonii dubartootaa keessatti sa’aatii ariifataa 3ffaa ta’ee galmaa’eera.
Gama biraatiin, ji’a Eeblaa keessa Maraatoonii Landan sa’aatii 2:15:41n xumuruun rikoordii addunyaa kan dubartoota qofaa (women-only world record) galmeessisuun ishee ni yaadatama.
Adeemsi sagalee kennuu har’aa eegalee hanga Onkololeessa 7, 2019tti kan gaggeeffamu ta’a.
Badhaasni Atleetii Dargaggeessa Cimaa Waggaa, Leenjisaa Cimaa Waggaa fi Badhaasni Pireezidantichaa Sadaasa 20, 2019 A.L.H sirna badhaasa Atleetiksii Addunyaa Moonaakotti gaggeeffamu irratti ifa ta’a.
#Mootummaa_Ida’amuu