Cheelsiin Zyaabii Aloonsoo leenjisaa taasisuun muude

Finfinnee, Caamsaa 9, 2018 (FMC)–Kilabni Lixa Landan Cheelsiin lammii Ispeen Zyaabii Aloonsoo leenjisaa kilabichaa taasisuun muuduu ifoomsera.

Zyaabii Aloonsoon waggoottan arfan itti aananiif kilabicha leenjisuuf waliigaltee mallatteessera.

Cheelsiin kilaba jabaa addunyaa kanaa waan ta’eef Leenjisaa kilaba kanaa ta’uu kootti gammadeera jedhe Zyaabii Aloonsoon mallattichaan booda.

Kilabicha morkataa cimaa taasisuu fi waancaawwan garaagaraa injifachuuf nan hojjedha jedhe.

Comments (0)
Add Comment