Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Yaa’ii 31ffaan jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii boru Turkiyaa taa’amuu eegala.
Yaa’ii kanaan Itiyoophiyaan ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa ni calaqqisiifti, akkasumas itti gaafatamummaa yaa’ii 32ffaa qopheessuu ni fudhatti.
Yaa’iin Turki magaalaa Antaaliyaatti gaggeeffamu kun, mata-duree “marii gara gochaa fi hojiirra oolmaa addunyaatti ce’uu’’ jedhuun, boruu eegalee gaggeeffama.
Faayinaansii qabeenya qilleensaa, adeemsa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu, ce’umsa anniisaa haqa qabeessaa fi dhiibbaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisu ajandaalee ijoo yaa’ichaa yoo ta’uutu ibsame.
Faalamni nyaataa fi gadi lakkifama Gaazii Miiteenii hiri’isuun, ce’umsa anniisaa qulqulluu, magaaloota jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamataan ijaaruu, wabii fi nageenya nyaataa, Indaastirii magariisaa, eegumsa lubbu qabeenyaa galaana keessaa, sirna qabeenya qilleessaa fayya qabeessa jedhamanis ajandaalee biroo ta’uu eerame.
Itiyoophiyaan yaa’ii kana irratti kan hirmaattu yoo ta’uu, ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa ni calaqqisiifti, haala addaa saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa ardii Afrikaa irratti mul’atuu fi fedhiiwwan ardichaa addunyaaf ni beeksisti jedhamee eegama.
Dabalataan invastimantiiwwan jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gargaaran hawwachuu, ce’umsa teeknooloojii saffisiisuu, akkasumas ijaarsa dandeettii fi dagaaginni ogummaa dhimmoota Itiyoophiyaan yaa’icharratti mariif dhiyeessituddha.
Itiyoophiyaan Yaa’ii 32ffaa bara 2027 qopheessuuf kan filatamte yoo ta’uu, yaa’ii ammaa kanarraa muuxannoo ni horatti jedhamee eegama.
Itiyoophiyaan imala misooma qindaa’aa eegumsa bosonaa sirna qonnaa waaraa fi teeknooloojii geejjibaa qulqulluun waliin walitti hidhuun, dhaloota ammaaf furmaata dinagdee kennuu qofa osoo hin taane, addunyaa baraaruu fi ardii Afrikaatiif fakkeenya ta’aa jira.
Kunis boqonnaa misooma dinagdee waaraa ta’eera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa