Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii gara Maqaleetti taasisu guyyaa har’aa eegaleera.
Xiyyaarri daandii qilleensichaa har’a ganama magaalaa Maqalee qubateera.
Balalliin kun eegaluu hordofee jiraattonni magaalichaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Aluulaa Abbaa Naggaatti argamuun gammachuu isaanii ibsachaa jiru.
Daandiin Qilleensichaa Onkoloolessa 1, 2019 irraa eegalee balallii gara Maqaleetti taasisu akka eegalu beeksisuun ni yaadatama.
#MootummaaIda’amuu