Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Tarsiimoon Guddaan Ida’amuu kan qophaa’e imala qaroominaa mootummaa fi dhalootaa gara dhalootaatti dabarsuun barbaachisaa ta’uu isaatiin jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mooshinii dhiyaate ilaalchisee gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii bal’aa kennaniiru.
Tarsiimoon guddichi galmootaa ifa ta’ee, bakka ga’umsaa, akkamitti bulchuu fi raawwachuun akka danda’amu hunda kan hammattee fi kallattii kan qabu ta’uu dubbatan.
Moodeelotni biyyi ittiin ijaaramtu 15 tarsiimicha keessatti taa’uu himan.
Qaroomina kan ijaarru dhalootaafi, akka amantaa kootti ijoolleen ijoollee keenya bu’uura cimaa ni qabaatu, ijoolleen keenya ammoo utubaa ni dhaabu jedhan.
Ijaaruu keessatti carraa argachuun waan gaariidha, ijaaranii dhaloota itti aanuuf dabarsuun immoo ogummaa guddaa ta’uu himan.
Tarsiimoon Guddaan Ida’amuu imalli qaroominaa mootummaa fi dhalootaa gara dhalootaatti itti fufuun barbaachisa jedha yaadama jedhu irratti hundaa’uun kan qophaa’e ta’uu isaa ibsan.
#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa