Daataa – Qabeenya Birmadummaa Haaraa Jaarraa 21ffaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Jaarraa 21ffaa keessatti daataan qabeenya haaraa bu’uura dinagdee, nageenyaa fi misoomaa ta’ee jira.

Biyyoonni daataa lammiilee isaanii, dhaabbata mootummaa fi dhaabbata daldalaa haala nageenyi isaanii eegameen bulchuun fi to’achuun, qaama birmadummaa biyyaalessaa godhanii ilaalaa jiru.

Birmadummaan daataa, sirna daataan daangaa biyya tokkoo keessatti omishamu, walitti qabamu fi kuufamu, seeraa fi dambii biyyattii irratti hundaa’uun ittiin bulu dha.

Kunis odeeffannoo lammiilee eeguu, odeeffannoo nageenya mootummaa tiiksuu fi daataan misooma biyyaalessaatiif akka oolu gochuu dabalata.

Odeeffannoon mootummaa, sirni ittisaa fi odeeffannoo lammiilee weerara alaa ykn ittifayyadama seeraan alaarraa akka eegamaniif birmadummaan daataa shoora murteessaa taphata.

Daataan sirnaan yoo bulfame dameewwan daldalaa, qonnaa, fayyaa fi barnootaatiif faayidaa guddaa qabaata.

Odeeffannoo dhuunfaa haala seera qabeessaan walitti qabuu fi itti fayyadamuuf sirni ifa ta’e jiraachuun amanamummaa lammiilee cimsa. Kunis tajaajiloota dijitaalaa akka fayyadaman jajjabeessa.

Daataan sirrii fi gurmaa’aan, mootummaan murteewwan ragaa irratti hundaa’an akka dabarsu kan dandeessisu yoo ta’u, tajaajiloota fayyaa, barnootaa, gibiraa, bulchiinsa lafaa fi tajaajiloota biroo bu’a-qabeessa taasisa.

Birmadummaa daataa cimaa ijaaruuf giddugaleessota daataa biyya keessaa ijaaruu fi babal’isuu, dandeettii nageenya saayibarii guddisuu, saayinsii daataa, hubannoo namtolchee fi tekinooloojii dijiitaalaan humna namaa leenjisuu, babal’ina bu’uuraalee misoomaa dijiitaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha.

Birmadummaan daataa jiraachuun nageenya biyyaalessaa cimsuun alatti, guddina dinagdee, mirga lammiilee fi dandeettiin raawwachiisummaa dhaabbata mootummaa akka dabalu ni amanama.

Biyya cimaa ijaaruuf birmadummaa daataa akka tarsiimoo biyyaalessaatti ilaaluun barbaachisaadha.

Biyyi daataa haala sirriin bulchu, bara dijitaalaa kana keessa dorgomtummaa dinagdee, tasgabbii siyaasaa fi nageenya lammiilee isaa haala fooyya’aan mirkaneessuu danda’a.

Amalawarqi Damisootiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment