Dafqa keenyaan birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessuun seenaa haaraa ni hojjenna – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Dafqa keenyaan birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessuun seenaa boqonnaa haaraa ni barreessina jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.

Har’aa Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Sagantaan jalqabsiisa qorannoo humna qonnaa naannichaa adda baasuu magaalaa Diillaatti gaggeeffameera.

Naannoon kibba Itiyoophiyaa, naannolee biyyee gabbataa, rooba ga’aafi qabeenya bishaanii lafa jalaa ga’aa qonnaaf mijataa ta’e qabu ta’uu eeran obbo Addisuu Araggaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin. ‎

‎Qorannichi, naannichi qabeenya qonnaa qabu beekeefi itti fayyadamee, qonna baramaa irraa gara qonna ammayyaatti, hirkattummaa roobaa irraa gara qabeenya bishaanii jiru fayyadamuutti, oomisha harkaa gara afaanii irraa, gara gabaaf oomishuutti ceesisuun tiraanisfoormeeshinii qonna naannichaa dhugoomsuu kan dandeessisuudha jedhan.

‎Hooggansi naannichaa sadarkaan jiru, ogeeyyiin misooma qonnaa, qonnaan bultoonniifi horsiise bultoonni akkasumas qooda fudhattoonni damichaa qorannicha yaadaan gabbisuun, ce’umsa qonnaa naannichaa dhugoomsuuf akka tumsan abdii guutuun qaba jechuun eeran.

‎#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment