Dameen Albuudaa misooma indaastiriif carraa haaraa uumaa jira- Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Dameen Albuudaa misooma indaastiriif carraalee haaraa uumaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Albuudaa Injinar Haannaa Birhaanuun.

Injinar Haannaa Birhaanuun Yaa’ii biyyaalessaa ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’ jedhu irratti imala jijjiiramaa damee albuudaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

‎Damichi fooyyessii fi invastimantiiwwan gabaa irra deebiin gurmeessuu fi sona dabaluu dandeessisan gargaaramuun galii daldala alaa olaanaa argamsiisaa, hirkattummaa oomishaalee alaa galanii hir’isaa akkasumas misooma indaastiriif carraalee haaraa uumaa akka jiru eeraniiru.‎

‎Jijjiirama invastimantii warqee, albuudota jajjaboo, boba’aa fi oomisha xaa’oo irratti babal’achaa dhufeen Itiyoophiyaan dandeettii qabeenya uumamaa ishee gara guddina qabatamaa biyyaalessaatti jijjiiraa akka jirtu ibsuusaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment