Dararaa Uummataafi qumaara siyaasaa: dhugaa buqqaatota Allaamaaxaafi birmannaa mootummaa

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC)- Gareen shororkeessaa yeroo waliin imaluu hin dandeenye ABUT waggoottaniif imimmaan fi dararaa uummataa qumaara siyaasaaf qabsiisaa tureera.
 
Lammiileen nagaan iddoo quubsumaatti haala rakkisaa keessa jiran, beelaafi haala jireenyaa ulfaataa ta’een dararamaan gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef daandii hunda cufaa tureera.
 
Gareen kun gadi fageenya miidhaa kanaa ukkaamsuuf daandiin inni hin imalle hin turre.
 
Har’a garuu dhugaan jijjiiramuu jalqabeera.
 
Mootummaan Ida’amuu dararaa uummataa callisee dhaggeeffachuurra daba garee shororkeessaa kanaa cabsuun qabatamaan lammiilee dararaa kanarraa baraaruu eegaleera.
 
Keessumaa lammiilee Allaamaaxaa fi iddoowwan birootti rakkoo cimaa keessa turaniif deeggarsi namoomaa barbaachisaan godhamuu eegaleera.
 
‎
‎Lammiilee keenya kaleessa beelaa fi ukkaamsaa siyaasaan miidhamaa turaniif deeggarsi qaqqabaa jira.
 
Kunis kan agarsiisu lubbuun lammiilee ajandaa paartii siyaasaa kamiiyyuu ol ta’uu fi deeggarsi biyyaalessaa haasaan osoo hin taane lammiilee deeggarsa barbaadan dhaqqabuu fi imimmaan isaanii haquun kan ibsamu ta’uudha.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment