Finfinnee, Caamsaa 4, 2018 (FMC) – Dargaggoonni damee irratti bobba’aniin akka gahoomaniifi dorgomaa ta’aniif hojjechuu itti fufna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, dirree Ispoortii Kutaa Magaalaa Lidataa naannawaa Calcaliifi Vaatikaanitti ijaarame eebbisnee tajaajilaaf banneerra jedhan.
Magaalichatti dirreewwan Ispoortii ijaaruun dargaggoonni qaamaan akka jabatan, sammuun akka bilchaatan, akkasumas dameewwan irratti bobba’aniin gahumsaafi dorgomaa akka ta’aniif qaamolee garaagaraa qindeessuun kutannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Dargaggoonni beekumsaafi kennaa qabaniin akka hojjetaniifi abjuu isaanii akka dhugoomsaniif haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa waadaa seene raawwachuun fayyadamummaa dargaggootaa kan mirkaneessu ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia