Dhaloota itti aanuu aadaa nagaa qaroomaa garaagarummaa mariidhaan hiikuu ni dhaalchifna

Marii Biyyaalessaan minjaala tokko marsanii mari’achuuf taa’uun injifannoo seena qabeessaa ummata Itiyoophiyaa fi bu’uura nagaa cimaa dha.

Adeemsi kun garaagarummaa karaa nagaatiin hiikuuf, waliigaltee biyyaalessaa ijaaruuf akkasumas biyya cimaa dhaloota itti aanutti dabarsuuf carraa seena qabeessa uuma.

Itiyoophiyaan nageenya waaraa, diimokiraasii fi tokkummaa biyyaalessaa mirkaneessuuf imala taasiftu keessatti, waltajjiin Marii Biyyaalessaa hundaa’uun boqonnaa seenaa haaraa ta’eera.

Waggoota darban keessatti garaagarummaan ilaalcha siyaasaa fi hawaasummaa walhubannoo dhabuu uume mariidhaan hiikuuf kutannoon ka’uun abdii haaraa kan uumee dha.

Minjaala tokko marsanii yaada wal jijjiiruun fi falmii yaadaa geggeessuun bilchina siyaasaa ummata Itiyoophiyaa fi hawwii inni nageenyaaf qabuuf ragaa guddaa dha.

Faayidaan guddaan Marii Biyyaalessaa walitti bu’iinsaa fi walhubannoo dhabuu humnaan osoo hin taane karaa nagaatiin hiikuun akka aadaatti akka dagaagu taasisuu dha.

Kutaan hawaasaa garaagaraa, paartileen siyaasaa fi dhaabbileen hawaasaa yaada isaanii sodaa fi daangaa tokko malee ibsachuuf carraa argataniiru.

Minjaala tokko marsanii walarguun shakkii fi wal amanuu dhabuu yeroo dheeraaf gidduu isaanii ture cabsuun karaa waliigalteetti geessu bana.

Biyyi tokko bu’uura cimaa irratti akka dhaabbattuuf dudhaalee fi waliigalteewwan biyyaalessaa waloo ta’an qabaachuun barbaachisaa dha. Mariin Biyyaalessaa immoo waliigaltee kana uumuu keessatti carraa guddaa qaba.

Madaa seenaa darbe mariidhaan yaaluun, gara fuulduraatti Itiyoophiyaa waliin ijaarruuf mul’ata waloo bocuuf ni gargaara.

Sagaleen fi fedhiin lammii hundaas adeemsa marii keessatti akka hammatamu gochuun miira abbummaa fi hirmaannaa ni cimsaa.

Marii fi bu’aan har’aa kallattiidhaan carraa fi egeree Itiyoophiyaa borii murteessa.

Waliigalteewwan Marii Biyyaalessaa irraa maddan irratti hundaa’uun sirnootni seeraa fi siyaasaa ijaaraman dhaabbilee cimoo dhalootarraa dhalootatti ce’an ta’u.

Kanaafuu, dhaloota itti aanutti kan dabarsinu seenaa waraanaa fi jeequmsaa osoo hin taane, aadaa nagaa qaroomaa garaagarummaa gaaddisa tokko jalatti mariidhaan hiikuu ta’a.

Waltajjiin Marii Biyyaalessaa waltajjii seena qabeessa ummanni Itiyoophiyaa tokkummaan dhaabbatee egeree waloo isaa harka isaatiin ittiin murteeffachuuf ka’ee dha.

Comments (0)
Add Comment