Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Jaarraa 21ffaa kana keessa Addunyaan guddina teeknooloojii fi kalaqa saffisaa keessa jirti.
Itiyoophiyaan, dhugaa addunyaa kana hubattee, jijjiirama dijitaalaa seena qabeessa ta’ee fi dinagdee ishee guutuu bu’uuraan jijjiiru irratti bobba’aa jirti.
Itiyoophiyaan, imala badhaadhinaa ishee dhugoomsuuf adeemsa jijjiirama dinagdee dijitaalaa daran cimaa ta’e eegalteetti.
Diinagdeen diijitaalaa carraa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa biyya tokkoo murteessuu keessatti murteessadha.
Ijaarsi diinagdee Diijitaalaa misooma waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf barbaachisaadha.
Dinagdeen dijiitaalaa yeroo ammaa qananii teeknoolojii qofa osoo hin taane, bu’uura guddaa oomishtummaa, mijatummaa tajaajilaa fi dorgommii idil Addunyaa irratti galmaa’uuf gargaarudha.
Itiyoophiyaan damichaan ce’umsaa olaanaa fi riifoormii boqonnaa murteessarratti argamti.
Mootummaan tarsiimoo “Digital Ethiopia 2025” milkeessuun, tarsiimoo biyyaalessaa “Digital Ethiopia 2030” imala jijjiirama biyya keenyaa saffisiisu fi caalaatti milkeessuu hojiirra oolchuu eegaleera.
Galmi tarsiimoo Diinagdee Diijitaalaa Itiyoophiyaa oomishaalee biyya keessaa waliigalaa % 12 guddisuudha.
Keessattuu bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa cimsuu, dhaqqabummaa qofa osoo hin taane itti fayyadamas babal’isuuf dandeettii ijaaruu, kalaqa rakkoo furu jajjabeessuudha.
Diijitaal Itiyoophiyaan ce’usma caasaa diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf utubaadha.
Babal’inni dinagdee dijitaalaa biyyattii gara dinagdee beekumsa irratti hundaa’etti jijjiiruun, jijjiirama dinagdee caasaa fi carraa hojii uumuu mirkaneessaa jira.
Dargaggoonni pirojektoota kalaqaa haaraa karaa jalqabbii teeknooloojiin deeggaraman uumuun gara hojii daldalaatti jijjiiruun ofii fi namoota biroo qacaruuf carraa uumeera.
Carraan hojii ammayyaa fi haaraan miliyoonaan lakkaa’aman misooma sooftiweerii, xiinxala daataa, gabaa dijitaalaa fi nageenya saayibarii irratti uumamaa jira.
Walumaagalatti, Itiyoophiyaa Dijitaalaa ijaaruun, beekumsaa fi teeknoolojii ammayyaatti fayyadamanii, biyya birmadummaa diinagdee qabdu fi dhaloota boruuf amansiisaa ta’e dhaalchisuuf riqicha ce’umsaa murteessaadha.
Tajaajila mootuummaa saffisiisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf Diijitaal Itiyoophiyaan murteessadha.
Tajaajiloota mootummaa Diijitaalessuun eenyummeessaa diijitaalaa fi kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu danda’eera.
Hanga ammaatti lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoonni 41 eenyummeessaa diijitaalaa kan galmaa’aan yoo ta’u, kunis tajaajila baankii, fayyaa fi kanneen biroof oolaa jira.
Dhaabbileen mootummaa 130 tajaajila kaffaltii Teeksii, galmee siiviilii, haaromsa eeyyama daldalaa fi haaraa onlaayiniin akka gaggeessan taasifameera.
Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti guddinni kaffaltii dijitaalaa fi fintech akka mirkanaa’uuf hojjetamaa jira.
Sirni daddabarsa maallaqaa karaa appii Telebirrii Itiyoo Telekoom fi baankii moobaayilaa baankotaa saffisaan babal’achaa jira.
Akka waliigalaatti diinagdeen diijitaalaa Itiyoophiyaaf filmaata osoo hin taane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.
Biyyattiin Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n diinagdeen diijitaalaa oomisha waliigalaa biyya keessaaf %12 akka gumaachuuf karoorsitee hojjechaa jirti.
Kana milkeessuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa cimsuu, tilmaama taariifa intarneetii madaalawaa taasisuufi ogummaa diijitaalaa hawaasaa guddisuuf hojjechuu irratti argamti.
Si’oominni ce’umsa diijitaalaa ammoo badhaadhina gama maraa Itiyoophiyaa dhugoomsa.
#Oromia #Ethiopia