Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Baaleetti raawwii qonna gannaa daawwataniiru.
Ganni bara kanaan haqina roobaa olaanaan qabatuus, qophii duraa Mootummaa fi Uummanni taasisaniin raawwiin gaariin galmaa’eera jedhan.
Diinagdeen qormaatilee namtolchee fi Uumamaa akka dandamatuuf dursanii qophaa’uu fi filannoowwan babal’isuun dirqama ta’uu kaasaniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2018/19 Qonna Gannaan lafti hektaarri miliyoonni 11.21 oomishaalee adda addaan misoomuun yeroo ammaa sassaabbiin eegalameera.
Misooma Jallisii Bonaan Qamadii Lafa hektaara miiliyoona 4.03 irratti misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 68.3 ol argachuuf hojjetamaa jira.
Akka biyyaatti ammoo qonna gannaan lafa hektaara miiliyoona 22 oomisha garaagaraan misoomerraa callaa Kuntaalli miiliyoonni 700 ol ni eegama.
Hanga ammaattis lafa hektaara kuma 800 irraa oomishni walitti qabamuun callaan kuntaalli miiliyoonni 12 ol argameera.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa