Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Ministeerri Tarsiimoo biyyaalessaa fi Tajaajilli Istaatiksii Itiyoophiyaa waliin ta’uun mala haaraa oomishni waliigalaa biyya keessaa ittiin shallagamu ifoomsaniiru.
Malli kunis bara 2019 irraa eegalee hojiirra oola jedhameera.
Kana dura haalli shallaggii odeeffaannoo diinagdee haaraa kan hamate waan hin turree fi mala moofaan shallagamaa turuu Ministirri Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaatsiyoon ibsaniiru.
Shallaggiin haaraan ragaalee dhiyeenyaa kan hammatee fi haala diinagdee waqtaawaa kan ibsu ta’uu eeran.
Akkaataa shallaggii haaraan oomishni waliigalaa biyya Keessaa Itiyoophiyaa kan bara 2018 Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 10 ta’uu mul’isa jedhan.
Shallaggiin kun haala dinagdee Itiyoophiyaa yeroo ammaa jiru kan agarsiisu, karooraa fi imaammata mootummaan galtee sirrii ta’uu isaaa, akkasumas qaamolee michuu waliin marii fi waliigaltee taasiftu keessatti dandeettii marii dabaluuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsan obbo Barakat.
Ministirri Ministeera Maallaqaa Dooktar Fitsum Asaffaa gamasaaniin, hojii guddaan kun ogeeyyii biyya keessaan kan hojjetame waan ta’eef birmadummaa Istaatiksii mirkaneessuu akka danda’e ibsaniiru.
Odeeffannichi kan idil-addunyaan walbira qabamuun fi haala amansiisaa ta’een kan hojjetame ta’uu kaasanii, hammattoon fooyya’e kun imaammata Fiiskaalaafi Maallaqaaf akkasumas qabeenya biyya keessaa walitti qabuuf akka deeggaru eeraniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa