Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) –Itiyoophiyaan madda bishaan Naayilii keessaa % 86 qabaattus, jaarraa hedduudhaaf qabeenya uumamaa isheetti akka hin fayyadamne rakkooleen garaagaraa gufuu ta’anii turan.
Itti fayyadama bishaanii laga Abbayyaa irratti waggoota dheeraaf ilaalcha sirrii hin taanee fi dhiphina Qubsama siyaasaa keessa darbuun, Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee irraa fayyadama haqa qabeessa fi madaalawaa akka qabaattu mirkaneessuu dandeesseetti.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa fedhii anniisaa biyya keenyaa guutuu fi guddina diinagdee keenyaaf bu’uura ta’uu qofa miti.
Waltajjii idil addunyaarratti birmadumma fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan kabachiise, agarsiistuu cichoominaa fi qabsoo dippiloomaasiiti.
Waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irratti, akkasumas miidiyaalee adda addaatti, aanga’oonni Kaayiroo irra deddeebi’anii seenaa tokko dhageessisu.
Innis, “Ijipti hanqina bishaanii qabdi; jireenyi lammiilee ishees balaadhaaf saaxilameera kan ” jedhuudha.
Aanga’oonni Ijipti carraa argatan hundatti biyya isaanii akka waan miidhamteetti dhiyeessuun, saamichaafi fedhii olaantummaa Kaayiroon naannawichatti qabdu, akkasumas biyyoota biroo faayidaa naannawichi kennuurraa fageessuuf tooftaa siyaasaa itti fayyadamtu garuu bu’uura kan hin qabnedha.
Kaayiroon ofii ishee akka miidhamtetti dhiyeessuun, biyyoonni sululicha keessa jiran qabeenya bishaanii irraa fayyadamaa haqaa akka hin taaneef tattaaffii gootu, naannawicha keessatti tasgabbii-dhabuun akka uumamu taasisaa jirti.
Kun immoo adeemsa balaa qabuudha.
Odeeffannoowwan tokko tokko akka agarsiisanitti, Ijipti qabeenya bishaan lafa jalaa guddaa, waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif ishee tajaajiluu danda’u qabdi.
Qorannoowwan akkaadaamikaalii yeroo dhiyoo akka agarsiisanitti, sochiileen dippiloomaasii ummataa hayyoonni, dhaabbileen siivikii fi miidiyaaleen garaagaraa dhugaa jiru hawaasa idil addunyaatti beeksisaniiru.
Hidhaan kun qoodinsa seenaa biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gadiitti argamanitti miidhaa kan hin geessisne, pirojektii misoomaa faayidaa waloo fi fayyadamummaa qabeenyaa haqa qabeessa irratti hundaa’e ta’uu isaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru.
Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa kutaa addunyaa garaagaraa keessa jiraatan waamicha biyyaalessaa simachuun tokkummaan mul’isan agarsiiftuu seenaa isa biroodha.
Diyaaspooraan waltajjiiwwan dijitaalaa adda addaa fi dula miidiyaa hawaasaa fayyadamuun, dhiibbaa siyaasaa fi dippiloomaasii fayyadamuun dhiibbaa dippiloomaasii Ijipti Itiyoophiyaarratti taasifamaa turte cichoominaan qolachuu danda’aniiru.
Odeeffannoo sirrii hawaasa idil addunyaatiif dhiyeessuun, tokkummaa biyyaalessaa hin raafamne fi tumsa idil addunyaa qabatamaan agarsiisaniiru.
Dhugaa qorannoo fi qo’annoon deeggarame fayyadamuun, keessumaattu odeeffannoo miidiyaaleen Ijipti irraa tamsa’aa turan, akkasumas duulaawwan saayibarii qindaa’an, karaa saayinsaawaa ta’een saaxiluu fi fashaleessuun danda’ameera.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fi adeemsi dippilomaasii isaa, Itiyoophiyaanonni yoo tokkummaan dhaabbatan galmi hin geenye akka hin jirre kan mirkaneessedha.
Naannoo Beenishaangul Gumuz, aanaa Gubaatti kan ijaarame Hidhi kun anniisaa meegaawattii kuma 5 fi 200tti hiiqu maddisiisuu danda’a.
Anniisaa biyya keessaa fi biyyoota ollaaf itti fufiinsaan dhiyeessuun madda galii diinagdees kan ta’uudha.
Milkaa’inni Hidha Guddicha Haaromsaa, ciminaa fi fakeenya tokkummaa ta’ee dhaloota dhufuuf ni darba.
Hojiiwwan misoomaa gurguddoo akkanaas tokkummaa fi walitti dhufeenya mootummaa fi uummataan ijaaramuu cimsanii itti fufu!
Galaanni Diimaan Itiyoophiyaaf waggoota kumaatamaan lakkaa’aman keessatti bakka daldalaa, qaroominaa, amantii fi aadaan itti mul’atu, akkasumas karaa Itiyoophiyaan addunyaa waliin walitti dhufeenya ittiin taasiftu ture.
Haa ta’uutii shira siyaasaan karri itti cufamee jira.
Ammaa abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun gahee dhaloota kanaati!
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa