Waardiyyaa birmadummaa biyyaa, Gaachana Ummataa: Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa dirree hundatti cichoominaan injifannoo galmeessuun birmadummaa biyyaa kan kabachiise Raayyaa Injifannooti.

Raayyaa daangaa Itiyoophiyaa ciminaan eegu, nageenyaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessu, akkasumas nageenya uummataa kabachiisuu fi tiksuuf dandeettii isa barbaachisu ijaarrachuu danda’eedha.

Waggoota darban keessa diinota alaa fi baandawwan keessaa birmadummaa Itiyoophiyaa qocholuuf yaalaan hunda barbadeessera.

Imala isaa hundaan ummattummaa isaa mirkaneessuun, gaachana ummataa ta’eera.

Hiriirri Ummataa guyyoota darban keessa magaaloota Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffame, Raayyichi deeggarsa Ummataa cimaa ta’e qabaachuu kan mirkaneessedha.

Har’a hiriira magaalaa Baahir Daar keessatti gaggeeffame dabalatee, magaalota garaagaraa naannichaa keessatti uummanni dirreetti ba’uun fedhii cimaa nageenya waaraa argachuuf qabu, akkasumas Raayyaa Ittisa Biyyaatiif deeggarsa cimaa qabaachuun ergaa dabarseera.

Hiriirawwan kanarratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonniifi qaamoleen hawaasaa biroo hirmaataniiru.

Kunis kutaaleen hawaasaa hundi fedhii cimaa nageenya waaraa argachuuf qaban kan agarsiisedha.

Akkasumas, tattaaffii Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroon nageenya waaressuuf taasisaniif deeggarsaafi tumsa akka qaban kan mul’isedha.

Xiiqii, gootummaa fi kutannoon kun, gareewwan diigumsaa, akkasumas diinota keessaa fi alaa ololaan ummata qooduuf yaalaniif murannoo fi kutannoo ummataa kan mul’ise injifannoo guddaadha.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment