Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chaapoo simataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaanticha buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti argamuun simachuu Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
Daawwannaan Pirezidaantichaa misooma waloo biyyoota lameenii fi hojiilee walitti hidhamiinsa uummataa karaa hiikkaa qabuun jijjiirama qabatamaa fidaniif dursa kan kenne ta’uus eereera.
Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan michummaa dhugaa Afrikaaf qabdu kan mirkaneessu ta’uus Waajjirichi ibseera.
#Oromia #Ethiopia