Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigiraayiif ergaa dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2018(FMC) โ€“ Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigraayiif Tigirifgaan ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaan dabarsan keessaa muraasni:

๐Ÿ‘‰ Uummata Tigiraayiif waraana irra nagaa fi misoomatu malaaf.

๐Ÿ‘‰ Dargaggoonni qaamolee yaada dulloomaan waraanatti isaan oofan irraa of eeguu qabu.

๐Ÿ‘‰ Mootummaan naannoo Tigraay keessatti nagaan akka buโ€™uufi waraanni irra deebiin akka hin kaaneef fedhii guddaa qaba

๐Ÿ‘‰ ABUT dhaabbata yaada boodatti hafaa waggaa 50 duraan hidhamee jijjiirama fudhachuuf fedhii hinqabnee dha.

๐Ÿ‘‰ ABUT karaa dulloomaa irra deemuuf yaaluun isaa walitti buโ€™iinsaaf isa saaxileera.

๐Ÿ‘‰ Humni maseenaan kun sodaa dogoggoraa Itiyoophiyaan ni diigamti jedhu facaasuun humna jijjiiramaa akka diimaatti ilaalaa tureera.

๐Ÿ‘‰ Seenessi dogoggoraan Itiyoophiyaa keessa ture lammiileen shakkiin akka jiraatan godheera.

๐Ÿ‘‰ Mootummaan uummanni Tigraay nagaa akka argatu, Baankii, Ibsaa fi bilbilaa fi tajaajilawwan akkanaa ariitiin deebiseera.

๐Ÿ‘‰ Humni maseenaan garuu waliigaltee Piriitooriyaa โ€gartokko keessaa filee hojiirra oolchuu barbaadaa jira.

๐Ÿ‘‰ Sirna heeramMoitummaan ijaaramee fi murtii Boordii Filannoo hin kabajne.

๐Ÿ‘‰ Dhaabni kun baajeta misoomaaf ramadame qophii waraanaa fi nyaata hidhattootaaf oolchaa waan jiruuf uummata Tigraay irratti rakkina dabalataa fidaa jira

๐Ÿ‘‰ Badiiwwan yeroo waraanaa raawwatamaniif karaa loogii siyaasaa irraa bilisa taโ€™een itti gaafatamummaa mirkaneessuuf Heerri Ceโ€™umsaa barbaachisaa dha.

๐Ÿ‘‰ Qaamoleen yakka raawwatan seeraan gaafatamuu qabu.

๐Ÿ‘‰ Badiiwwan yeroo waraanaa raawwataman kamuu, ajjeechaa fi saamichi(keessumaa Aksuum, Adwaa fi Shireetti)kan balaaleffatamuu qabanii dha.

๐Ÿ‘‰ Mootummaan gidduu seentummaa humna alaa kamuu ni morma, olaantummaa biyyaa kabajchiisuuf ni hojjeta.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment