Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigiraayiif ergaa dabarsan
Finfinnee, Guraandhala 24, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigraayiif Tigirifgaan ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaan dabarsan keessaa muraasni:
π Uummata Tigiraayiif waraana irra nagaa fi misoomatu malaaf.
π Dargaggoonni qaamolee yaada dulloomaan waraanatti isaan oofan irraa of eeguu qabu.
π Mootummaan naannoo Tigraay keessatti nagaan akka bu’uufi waraanni irra deebiin akka hin kaaneef fedhii guddaa qaba
π ABUT dhaabbata yaada boodatti hafaa waggaa 50 duraan hidhamee jijjiirama fudhachuuf fedhii hinqabnee dha.
π ABUT karaa dulloomaa irra deemuuf yaaluun isaa walitti bu’iinsaaf isa saaxileera.
π Humni maseenaan kun sodaa dogoggoraa Itiyoophiyaan ni diigamti jedhu facaasuun humna jijjiiramaa akka diimaatti ilaalaa tureera.
π Seenessi dogoggoraan Itiyoophiyaa keessa ture lammiileen shakkiin akka jiraatan godheera.
π Mootummaan uummanni Tigraay nagaa akka argatu, Baankii, Ibsaa fi bilbilaa fi tajaajilawwan akkanaa ariitiin deebiseera.
π Humni maseenaan garuu waliigaltee Piriitooriyaa ”gartokko keessaa filee hojiirra oolchuu barbaadaa jira.
π Sirna heeramMoitummaan ijaaramee fi murtii Boordii Filannoo hin kabajne.
π Dhaabni kun baajeta misoomaaf ramadame qophii waraanaa fi nyaata hidhattootaaf oolchaa waan jiruuf uummata Tigraay irratti rakkina dabalataa fidaa jira
π Badiiwwan yeroo waraanaa raawwatamaniif karaa loogii siyaasaa irraa bilisa ta’een itti gaafatamummaa mirkaneessuuf Heerri Ce’umsaa barbaachisaa dha.
π Qaamoleen yakka raawwatan seeraan gaafatamuu qabu.
π Badiiwwan yeroo waraanaa raawwataman kamuu, ajjeechaa fi saamichi(keessumaa Aksuum, Adwaa fi Shireetti)kan balaaleffatamuu qabanii dha.
π Mootummaan gidduu seentummaa humna alaa kamuu ni morma, olaantummaa biyyaa kabajchiisuuf ni hojjeta.
#Oromia #Ethiopia