Finfinnee, Adoolessa 22, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Yaa’ii 49ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftootaa Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeeffamaa jiruun cinaatti Ministira Dhimma Alaa Rippabilikaa Koongoo Koonistaanti Sargee fi kan Angoolaa Antooniyoo Teetee waliin dhimmoota gamlamee fi ardii irratti mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gita isaanii Koongoo waliin, hubannoo namtolcheefi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachurratti tumsaan haalota hojjechuu dandeessan irratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo gamlamee qaban gara diinagdeetti guddisuun akka barbaachisu Ministiroonni lameen waliigalaniiru.
Haaluma walfakkaatuun gita isaanii Angoolaa waliin dhimmoota gamlamee fi ardiicharratti marii bu’aa qabeessa taasisaniiru.
Keessattuu akkaataa hojmaata gamtichaa cimsuun danda’amurratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia