Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Itiyoophiyaan madaaliyaawwan dabalataa argatte

Finfinnee, Caamsaa 9, 2018(FMC) – Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaa Gaanaa Akirqatti geggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan madaaliyaawwan dabalataa argatteetti.

Haaluma kanaan dorgommii darboo eeboo dhiirotaan atileet Otaagee Obaangi 2ffaa ba’uun madaaliyaa meetii argachuun Itiyoophiyaaf madaaliyaa 13ffaa argamsiiseera.

Dorgommii fiigicha gufachiisoo meetira kuma 3 dubartootaan dursee geggeeffameen ammoo atileet Almaaz Yohaannis daqiiqaa 9:33:46 ta’een sadarakaa 3ffaan xumuruun madaaliyaa nahaasaa argatteetti.

Dorgommii kanarratti kan hirmaatte atileet Wasanee Asaffaa daqiiqaa 9:41.76’n xumuruun sadarkaa 4ffaan xumurteetti.

Dorgommii gufachiisoo meetira 400 dubartootaan atileet Baanchaayyoo Tasammaa 5ffaa, atileet Daraartuu Innootaa ammoo sadarkaa 6ffaan xumuraniiru.

Warqinaa Gaashaahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment