Finfinnee, Eebla 10, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, dorgommiin atleetiksii guyyaa tokkoo idil-addunyaa (Addis Ababa Grand Prix) maqaa gaarii Itoophiyaan damee atleetiksiitiin qabdu irra deebiin mirkaneessuu ibsan.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Itoophiyaan seenaa ishee keessatti dorgommii atleetiksii guyyaa tokkoo addunyaa (Addis Ababa Grand Prix) yeroo jalqabaaf haala bareedaan keessummeessiteetti jedhan.
Milkaa’inni kun bu’uraalee misooma ispoortii ammayyaa magaalattii keessatti ijaaraman agarsiisuu malees, maqaa guddaa Itoophiyaan damee atleetiksiitiin qabdu irra deebiin mirkaneesseera jedhan ergaa isaaniin.
Ji’a Eeblaa kana qofa keessatti qophiiwwan ispoortii idil-addunyaa gurguddoo sadii keessummeessuun keenya, Finfinneen dorgommii addunyaa kamiyyuu qopheessuuf dandeettii fi sadarkaa guddaa irra gahuu ishee argisiisajechuunis ibsan.
Dorgommiwwan kunneen atleetota haaraa kakaasuu bira dabree, guddinna tuuriizimii ispoortiitiif gahee ol-aanaa akka qabanis eeraniiru.
Dorgommiin seena-qabeessi kun Finfinnee keessatti gaggeeffamuun, magaalattiin jiraattota isheetiif mijattuu ta’uu bira darbee, qophiiwwan idil-addunyaatiif bakka hawwataa ta’aa dhufuu ishee akka argisiisu kaasaniiru
Dhumarrattis, dorgommichi haala milkaa’aan akka xumuramuuf jaalala ispoortii fi kabaja keessummaa agarsiisaniif jiraattota magaalattiitiif galata dhiyeessaniiru.
Keessummoota hundaafis Finfinnee bareedduu keessatti yeroo hin daggatamne akka dabarsan hawwii isaanii ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia