Ergaa Waajjira Ministira Muummee

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad tattaaffii damee oomishaa Itiyoophiyaa babal’isuuf godhamu Eksipoo 4ffaa ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ eebbisuun ifatti bananiiru.

Milkaa’inoota gurguddoo Iksipoon kun hanga ammaatti argamsiise:-

👉Dhiyeessiin galtee damee oomishaa toonii miiliyoona 9 irraa gara miiliyoona 15’tti guddateera,

👉Invastimantiiwwan indaastirii haaraaf humni elektirikaa Giigaa waattiin 3.4 ol dhiyaateera,

👉Dhiyeessiin faayinaansii intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaaf dhiyaatu Birrii biiliyoona 8.1 irraa gara Birrii biiliyoona 50 kan guddate yoo ta’u indaastiriiwwan gurguddaaf ammoo gara Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 62 olitti guddateera,

👉Damichaaf sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 2.28 ol ramadameera,

👉 Dandeettiin oomishuufi guddinni %4.8 irraa gara %10.7’tti kan guddate yoo ta’u yeroo itti aanutti guddinni dabalataa ni eegama,

👉Oomisha kan biyya keessaa bakka buusuun Doolaara biiliyoona 4.85 baraaruun kan danda’ame yoo ta’u daldalli alaas guddina olaanaa argamsiisaa jira,

👉Invastimantiiwwan kuma 2 fi 800 ol harkisuun kan danda’ame yoo ta’u, lammiilee miiliyoona 1.4’f carraan hojii uumameera,

Eksipoon kun waltajjii biyyaalessaa indaastiriiwwan walitti hidhu, invastimantii hawwatu, ‎oomishtoota dhibbaan lakkaa’amaniifi daawwattoota kumaatama kan walitti fidu ta’eera.

Walumaa galatti Eksipoon kun banamuun dameen oomishaa guddina diinagdeef, carraa hojii uumuuf fi dorgomtummaa sadarkaa idil-addunyaatti qabu beeksisuun ce’umsa indaastirii Itiyoophiyaa saffisiisaa akka jiru agarsiisa.

‎#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment