Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC) – Ergamni ijoon dhaabbilee federaalaa yaadama Mootummaa Ida’amuu hojiirra oolchuudha jedhan Walitti qabaan Damee Gurmaa’iinsa Siyaasaa Dhaabbilee Federaalaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen.
Hoggantoota Gurmaa’iinsa Dhaabbilee Federaalaa Paartii Badhaadhinaaf guyyaa har’aa leenjiin sirna keessoo paartii cimsuurratti kaayyeffate kennameera.
Dooktar Tasfaayee Baljigeen wayita kana leenjichi hoggantoota mul’ata qaban, karoorsuufi hojiirra oolchuu danda’an uumuuf kan gargaarudha jedhan.
Ergamni ijoon dhaabbilee federaalaa yaadama Mootummaa Ida’amuu hojiirra oolchuu ta’uu kaasanii, sirna keessoo paartii hubachuun ergama haala bu’aa qabeessa ta’een raawwachuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Ergama kana galmaan gahuuf kallattiiwwan yaa’ii 2ffaa paartichaan kaa’aman bu’uura godhachuun gurmaa’iinsotaafi hojimaata dhaabbattummaa cimsuufi ilaalchaafi naamuusa hoggansaafi miseensaa cimaa uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Gurmaa’iinsa dhaabbilee federaalaan irra jireessaan kallattiiwwan yaa’iifi gamaaggama raawwii kurmaana jalqabaa fi argannoowwan supparviizhinii ka’umsa godhachuun hojiileen ijaarsa dandeettii hojjetamaa jiraachuufi hanqinaalee adda bahan leenjiin guutuun galma tokko ta’uu eeraniiru.
Karoorawwan bara 2018 keessatti hojiilee siyaasaafi gurmaa’iinsaa hammachiisuun dhimmoonni yeroo itti aananitti xiyyeeffannoo barbaadan adda bahuun irratti hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Leenjicharratti hoggantoota dhaabbilee federaalaa dabalatee hoggantoonni kilaastarootaafi aanaalee akkasumas hoggantoonni inispeekshiniifi naamusaa sadarkaan jiranii hirmaataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.