Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Kilabni Marsiisaayid Evertan Kiyarnaan Dewusburii Hal Cheelsii irraa mallatteessisuu ifoomseera.
Taphataa waggaa 26 kanaaf paawondii miliyoona 25 fi ilaalamaa kan dabalamu paawundii miliyoona 4’n garee isaatti makateera.
Taphataan sarara gidduu lammiin Ingiliz kun bara taphaa
xumurametti Liigicha keessatti Cheelsiif taphoota 13 taphatee kubbaa galchii taatu tokko miijessuun kenneera.
Taphatichi Cheelsiin alatti Leestar Siitiif, Luutan Taawun fi Bilaakpuuliif taphachuun isaa ni beekama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.