Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Faanaan hojiilee hawaasa gidduleeffatan hojjechuu cimsee itti fufa jedhan Hojii Raawwachiisaa olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Obbo Admaasuu Daamxoon.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin qaamolee waggoottan darban dhaabbaticha waliin tumsaan hojjechaa turaniif sagantaa galateeffannaa qopheessera.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waggoottan darban aadaa waliin hojjechuu fi waliin guddachuu bu’uura godhachuun hojjechaa turuu eeran obbo Admaasuun saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Waltajjii Yaadaa ta’uu isaan hojiilee hawaasa giddugaleeffatan bu’uura taasisuun hojjiechaa jiraachuu dubbatan.
Hojiin yeroo itti aanus caalmaatti cimee akka itti fufu mirkaneessan.
Ciminoota kaleessaa fudhachuun haala Indaastiriin miidiyaa har’aa barbaaduun qajeelchuun dhaggeeffattootaa, dubbaftootaa fi daawwattootaaf dhiyeessaa jirra jedhan.
Maamiltoonni dhaabbatichaa kaleessa yaadan, beekumsaa fi maallaqaan waliin hojjetaa turuun kaasuun, yeroo itti aanus hojiilee caalu akka hojjetan abdii qabaachuu himan.
Milkaa’ina hanga ammaatti argameef qaamolee gahee qaban hunda galateeffataniiru.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.