Faayidaa Qurunfudii (clove)…

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2019 (FMC) –Qurunfudiin gosoota mi’eessituu keessaa tokko ta’ee kan faayidaa hedduu qabuudha.

Hawaasni yeroo wal jaje illee Qurunfudii tiyya waliin jedhu.

Miidhagduu fi faayidaa qabeettii jechuu isaaniiti.

Qurunfudiin gosa qoricha uumamaa salphatti namni kamuu akka shaayiitti danfisee dhugu keessaa isa tokko dha.

Qurunfudiin qabiyyeewwan soorataa hedduu fayyaa namaaf bu’aa olaanaa qaban of keessaa qaba.

Qurunfudiin yeroo baay’ee mi’eessituuwwanii fi nyaata biroo waliin makamuun tajaajila.

Mi’eessituun kun dandeettii waa hubachuu namaa ol-kaasuu keessatti gahee guddaa qaba jedhu ogeeyyiin sirna nyaataa.

Shaayii, Aannaan, Bishaan, Loomii, Qarafaa, Zinjibila, Qullubbii adii fi kanneen biroo waliin danfee tajaajila kenna.

Keessumattuu dhukkuba dadhabbii onnee sirreessuun onnee jabeessuu fi dhukkubbii sammuun wal-qabatan fooyyessuun sammuuf humna dabaluu danda’a.

Akkasuma Qurunfudiin foolii afaanii gaarii fi fayyaa ilkaanii eegsisuu keessatti bu’aan isaa olaanaadha.

Dabalataan daakamuu nyaataa, dhukkuba garaachaa fi gogiinsa garaachaa hir’isuuf fayyada.

Akka ragaan Barruu ‘’Healthline’’ irraa argame mul’isutti

Qurunfudii (Clove) 100g:

▪Kaalsiyeemii: Miiliigiraama 632

▪Pirootiinii: Giraama 9

▪Soodiyaamii: Miiliigiraama 277

▪Mangaaniziin: Miiliigiraama 60.127.

• Kaaloorii 274

• Kaarbohayidireetii Giraama 66

•Faayibarii Giraama 34

Akkasuma Vaayitaaminoota K fi E dabalatee vaataaminoota hedduu of keessaa qaba.

Ganama osoo Ciree hin nyaatiin Qurunfudii Fal’aana tokko Aannan kubbaayya tokko wajjin torbanitti yeroo 2 -3 dhuguun dhibeewwan hedduurraa nama baraara jedhu Ogeeyyiin yaala fayyaa.

Qurunfudiin dhibeewwan hedduu namarraa ittisuuf oolus muraasni isaanii: dhibee tiruu, sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, hir’ina dhiigaa, Infeekshiini Qaama saalaa, fedhii nyaata dabaluufi Kaansarii ittisuuf oola.

Qurunfudii aannaniin dhuguun ammoo caalmaatti faayidaa hedduu qaba.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment