Falmii Faransaay Ispeen waliin taasiftu…

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC)- Waancaa Addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon gaggeeffamaa jiruun taphni walakaa xumuraa har’a halkan eegala.

Haaluma kanaan taphni har’a halkan Sa’aatii 4:00 irratti Faransaay Ispeen waliin taasiftu hawwiin eegama.

Faransaay hanga ammaatti Senegaal, Iraaq, Noorweey, Siwidin, Paaraaguwaayi, fi Moorookoo injifateerti.

Ispeen gama isheetiin, Keep veerdi, Saa’ud Arabiyaa, Uraagay, Ostiriyaa, Poorchugaalii fi Beeljiyeem waliin kan taphatte yoo ta’uu Shanan injifachuun Keep Veerde waliin walqixa adda bahaniiru.,

Garee biyyaalessaa lameen keessaa injifataa kan ta’e ,tapha Ingiliz fi Arjentiinaan kan mo’atu waliin waancaaf taphata.

Comments (0)
Add Comment