Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan sirna mataa isheen fedhii ishee ni mirkaneeffatti jedhan Ministirri Muummee fdri Dooktar Abiy Ahimad.
Har’a irra deebiin Ministira Muummee FDRI ta’uun kan filataman Dooktar Abiy Ahimad haasawa baniinsaa taasisaniin fedhiin keenya Itiyoophiyaan guddattee arguudha jedhan.
Rakkoolee jiran waaraan furuun kan danda’amu Itiyoophiyaan qaroomina mataa ishee yoo diriirsite qofa ta’uu hubachiisan.
Kaayyoon keenya hiyyummaa injifachuu, barnoota babal’isuu, fedhii mana jireenyaa guutuu, dhiyeessii tajaajila fayyaa fooyya’aa taasiisuu fi carraa hojii ba’aa uumadha jedhan.
Mul’ata seenaa jijjiiruu danda’u qabannee Itiyoophiyaa guddoo ijaaruuf ni hojjenna jechuun dubbatan.
Jijjiiramni argamaa jirus Itiyoophiyaarraa darbee addunyaa dinqiiseera jedhan.
Guddinni dinqiisaan galmaa’aa jiru kun diinoota Itiyoophiyaa hunda boqonnaa dhorkuu kaasan.
Sababa kanaan diinonni hundi gurmaa’uun waraana nurratti banan.
Itiyoophiyaan garuu haqa waan qabduuf qormaata kamiiyyuu ni injifatti jechuun himan.
Misooma itti fufiinsa qabu galmeessuu fi nageenya waaraa mirkaneessuu yaadama Ida’amuun eeggalle caalmaatti cimsinee itti fufna jedhan.
Siifan Magarsaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda