Fedhiin Nageenyaa fi Badhaadhinaa Uummatni Filannoo Irratti Agarsiise Ittigaafatamummaa Guddaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018 (FMC) -Jaalalli biyyaa fi fedhiin nageenyaa fi badhaadhinaa Uummanni Itiyoophiyaa yeroo filannoo waliigalaa 7ffaa argisiise ittigaafatamummaa guddaadha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad aplikeeshinii tajaajila dijitaalaa hammataa, tajaajiloota dhaabbilee adda addaa keessatti kennaman waltajjii tokko irratti qindeessu eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.

Dooktar Abiy yeroo kanatti, tarkaanfiiwwan misoomaa fi bu’aawwan abdachiisoo Itiyoophiyaa keessatti galmeeffaman gammachuu waloo uummata Itiyoophiyaati jedhaniiru.

Tajaajiloota kanneen caalaatti fooyyessuu fi itti quufinsa hawaasaa guddisuuf milkaa’inoonni abdachiisoon jalqabaman galma dhumaa utuu hin taane, akka kaka’umsa guddaatti kan fudhataman ta’uu hubachiisaniiru.

Jaalalli biyyaa, fedhiin nageenyaa fi badhaadhinaa Uummanni Itiyoophiyaa yeroo filannichaa agarsiise ittigaafatamummaa gudda ta’uus hubachiisan.

Uummanni carraa kana kan kenne tajaajilli teeknoolojii fi siiviil sarviisii fooyya’ee, hanni xiqqaatee, misoomni ariifatee, akkasumas dargaggootaaf carraan hojii bal’aan ni uumama amantaa jedhuun waan ta’eef, hundi amantaa kana miira ittigaafatamummaa guddaa fi amanamummaan deebisuu akka qabu cimsanii hubachiisaniiru.

Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman, keessattuu,Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob gara tajaajila Awuroobusii socho’aatti jijjiiramuun, akkasumas gara aplikeeshinii qindaa’aatti ce’uu danda’uun milkaa’ina guddaadha jedhaniiru.

Guddinni dijitaalaa dinqisiisaan kun biyya keessatti qofa kan daangeffamu utuu hin taane, gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’atu mul’atamguddaan kaayyeffqmee jira jedhan.

Fuulduratti teeknoolojii kana biyyoota biroon wal barsiisuu, gurguruu fi sharafa alaa fi galii Itiyoophiyaaf iiduu irratti hojiiwwan bal’aan akka eeggaman akeekaniiru.

Dhaabbilee keessatti rakkoolee harkifachuu tajaajilaa fi hojimaata badaa mul’atan dhabamsiisuuf teeknoolojii bal’inaan fayyadamuu fi rakkina uummataa gaarummaan furuun hojii jalqabaa hoggantoota hundaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment