Feestivaalli ‘Africa Celebrates 2026’ Finfinneetti baname

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) –Feestivaalli ‘Africa Celebrates 2026’ aadaa, ogummaa, kalaqaafi hojii uumuu Afrikaa beeksisu Finfinneetti banameera.

Feestivaalichi aadaa, ogummaa, kalaqaafi hojii uumuu Afrikaa beeksisuu fi qabeenya uumamaa, aadaafi humna namaa ardichaa gara badhaadhina walootti jijjiiruuf kan kaayyeffateedha.

Feestivaalichi mata duree “Afrikaa Tokko, Uummata Tokko, Aadaa, Kalaqaafi Hojii Uumuun Egeree Badhaadhina Waloo Qabu Bu’uuressuu” jedhuun gaggeeffama.

Kunis dandeettii aadaa, qabeenya uumamaafi humna namaa Afrikaa gara walitti hidhamiinsa dinagdee fi badhaadhina waliiniitti jijjiiruufi.

Feestivaala kanarratti biyyoota Afrikaa 45 fi biyyootni biroo addunyaa 17 irratti kan hirmaatan yoo ta’u, hoggantoonni aadaa fi amantaa, artistoonni, ogeeyyiin kalaqawwanii fi bakka buutoonni dameewwan garaagaraa argamaniiru.

Feestivaalichi hanga Sadaasa 6, 2019tti kan turu yoo ta’u, guyyoota itti aananitti aadaa, hambaa, ogummaa, kalaqaafi hojii uumuu irratti mariiwwaniifi sagantaaleen garaagaraa ni gaggeeffamu jedhame.

.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment