Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC)- Yaadama Ida’amuun hogganamuun dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf deebiin kennamaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, simannaa Mootummaa fi Ummanni Turkiyee taasiseef akkasumas, maricha kan dursitu Awustiraaliyaa galateeffataniiru.
Tarkaanfii jijiirama qabeenya qilleensaa Itiyoophiyaan, jiruuf jireenya guyyuu lammiilee fooyyeessuu, dandeettii dandamachuu cimsuu fi milkaa’inoota misooma waaraa itti fufsiisuuf qaama imaammata diinagdee murteessaati.
Yaadama ida’amuun hogganamaa,Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan biiliyoona 56 dhaabuu dandeenye jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Haaluma walfakkaatuun misooma anniisaa haaromfamaan, galmoota misooma waaraa ijaaruu fi Jijiirama qabeenya qilleensaaf furmaata waaraa bal’inaan guddisaa jirra jedhan.
Wayita ammaa waadaarraa gochaan gara tarkaanfiilee qabatamaatti ce’uutu nurra eegama jechuun, kunis salphaatti argamuu kan hin dandeenye faayinaansii qabeenya qilleensaa, caalmaatti sirna haalduree cimaa fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’aniif dandeettii dandamachuu uumuu irratti invastimantiin olaanaan hojiirra ooluu akka qabu eeraniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ii COP-32 Pireezidaantummaan wayita fudhattu, dhimmoota dursa kennituuf kana adda durummaan kan tarkaanffachiisftu yoo ta’u, milkaa’inonni bu’aa qabeessi akka galmaa’uuf Pireezidaantii COP-31 waliin walitti dhiheenyaa fi tumsaan hojjechuuf ni hojjetti jedhan.
Akkasumas guutuu Addunyaarraa Yaa’ii COP-32 irratti hirmaachuuf kanneen gara Itiyoophiyaa dhufan simachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa