Fiigicha daandiirraa kiilomeetira kuma 5 Tajaajila Tola ooltummaa Zaayid boru geggeeffamuuf daandiiwwan cufaman…

Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMC) – Ka’umsaa fi ga’umsa isaa Addabaabaayii Masqalaa kan godhate fiigichi daandii irraa kiilomeetirra 5 Tajaajila Tola-ooltummaa Zaayid Fubaay, Niwuuyoork, Beejingi fi Naayiroobiitti geggeeffamaa turee guyyaa boruu Finfinneetti ni geggeeffama.

Fiigichi kun Addabaabaayii Masqalaa irraa ka’uun Ibsaa Lagahaar, Ibsaa Tiyaatira Biyyaalessaa irraan ibsaa EBC duraanii irratti naanna’uun ibsaa Sangaa Taraa, Addabaabaayii Meeksikoo, Bunaa fi Shaayio Lagahaar irraan ba’uun Addabaabaayii Masqalaa irratti xumurama.

Fiigichi kun eegalamee hanga xumuramutti daandiiwwan murtaa’an konkolaattotaaf akka cufaman Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Haaluma kanaan;

👉 Qiddus Uraa’el irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti Hoospiitaala Maqraz ykn Baambiis irratti

👉 Addabaabaayii Olompiyaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti, Addabaabaayii Olompiyaa irratti

👉 Addabaabaayii Xilaahun irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti, Addabaabaayii Xilaahun irratti

👉 Ibsaa Lagahaar irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti , ibsaa Lagahaar irratti

👉 Qaxxaamura Teelee Lagahaar irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti, Qaxxaamura Teelee Lagahaar irratti

👉 Ibsaa Harraambee irraa gara gara Addabaabaayii Masqalaatti, ibsaa Harraambee irratti

👉 Masaraa Biyyaalessaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti, qaxxaamura Masaraa Biyyaalessaa irratti barii sa’aatii 12:00 irraa eegalee hanga sagantaan fiigicha kanaa xumuramutti daandiiwwan kunniin ni cufamu.

Kana malees sagantaa kanaaf jecha har’a Ebla 24, 2018 galgala sa’aatii 12 irraa eegalee yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf daandiiwwan kanneen irra konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee akeekkachiiseera.

Hawaasni wantooti shakkisiisoo nageenyaaf sodaa ta’an yoo mudatan kara sararoota bilbilaa bilisaa 990, 991, 987, 816 akkasumas 011-126- 4359, 011 552 6302/03, 011 552 40 77, 011 554 36 78 fi 011 554 36 81n, akkasumas karaa appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee EFPApp fayyadamuun eeruu kennuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Comments (0)
Add Comment