Tokkummaan yoo dhaabbanne akka dandeenyu Hidhi Haaromsaa agarsiiftudha – Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Tokkummaan yoo dhaabbanne akka dandeenyu Hidhi Guddichi Haaromsaa agarsiiftudha jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan.

Itiyoophiyaan hidhaalee akka hin hojjenne dhiibbaan taasifamaa tureera, kunis Itiyoophiyaanonni caalmaatti akka tokkummaa’an gochuun akka danda’an mirkaneesse jedhan Dooktar Habtaamuun turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin.

Itiyoophiyaanoonni beekumsaa fi qabeenya ofiin Hidha Guddicha Haromsaa xumuruun, waloon yoo dhaabbanne waa hunda injifachuu akka dandeenyu agarsiiftuu guddaadha jedhan.

Dhiibbaa fi shirri qabeenya bishaanii keenya akka hin misoomsine godhamu, Itiyoophiyaanonni caalmaatti akka tokkooman, tokkummaan akka dhaabbatanii fi waliin akka hojjetan taasiseera jechuun ibsan.

Itiyoophiyaanonni Iyya Ijipti bakka garaagaraatti dhageessissuuf iddoo osoo hin laanne tattaaffii guddaa fi qindoomina cimaan seenaa hojjechuu kaasan.

Dooktar Habtaamuun itti dabaluun, diinonni seenaa qabeenya keenya akka hin misoomsineef maqaa balleessuu fi walitti bu’iinsota uumaman duuba dhaabbachuun, lubbuun namoota hedduu akka wareegamu taasisaniiru.

Haa ta’u malee, qormaatawwan kana hunda keessa dabarree boqonnaa injifannoo irra geenyeerra jedhan.

Malkaam Fiqaaduutiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment