Finfinneetti dhorkiin doqdoqqeerra ka’amee ture ka’e

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti Fulbaana 15, 2019 irraa eegalee dhorkiin doqdoqqeeratti taasifamee ture ka’eera jedhe Qajeelchi Poolisii Magaalichaa.

Doqdoqqee fayydamuun meeshaalee hatuun bakka tokko irraa gara bakka biraatti geessuu, konkolaattota rukutanii miliquu, heelmeetii osoo hin godhatin konkolaachisuu, akkasumas lakkoofsa gabatee konkolaataa kan walitti makamee fi sirriitti hin mul’anne fayyadamuun dabalatee, seerota tiraafikaa cabsuun dhorkaan kaa’amuu isaa ni yaadatama.

Konkolaachiftoonni doqdoqqee eeyyama sochii qaban, akkasumas eeyyama isaanii haaromsatan, boru ganama irraa eegalee seerota geejjibaa fi sochii tiraafikaa to’achuuf ba’an kabajuun akka socho’an eeyyamamuu beeksiseera.

Konkolaachiftoonni doqdoqqee eeyyama sochii hin qabne, akkasumas eeyyama isaanii osoo hin haaromsiisin socho’an irratti, kara seera qabeessa ta’een tarkaanfiin akka fudhatamuu ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee akeekkachieseera

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment